2 Kings 5:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Naamanini waan jed'eeni, Yo atini fud'achu didde, biyye gaangeleni lama dandeete baatu, ta anini galad'uni naa kenni; wonti akanatiifi anini armaa achi deebie, waan Waaqa baasanifi sorio gubanile AABBO Waaqa male nama d'ibi imbaasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kanaaf Ni'iimaan raattichaan, «Ani garbichi kee ammaa achi Rabbiif malee waaqa tolfamaa biraatiif ciincaa waan hin dhiyeessineef biyyee fe'aa gaangee lamaa qabadhee deemaa na hoffolchi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Na'amaan, «Ati Kennansa kiyya yoo fudhatuu didde, ani tajaajilaan keeti deebi'ee ijjumaa Mootii Waan Maraatiif malee, waaqota dhibi'iif ciinca'aa fi woreega waan hin dhikeessineef, biyyee fe'iisa gaange'ee lama fuudhee akka deemu naaf eeyyam.