2 Kings 5:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee naguma, ammo abbaani kiyya na erge waan nani jed'e, Keessumaani lama ta gumi raagoota ta gaareeni Efraimu teetu amuma tana nati d'ufte; tanaafi qarsi kuma saditifi woya jilaani tolfatani taani lama keesa naa kenni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee «ani nagayuma dhufe; ka'imtoonni lamaa ka gara worra raattotaa ta'an biyya gaaraa ka Efreemiitii natti dhufaniiranii saqilii tokkoo fi uffata lamaa ka isaan jijjiiratan akka isaanii kennitu si kadhadha jedhee gooftaan kiyya na erge» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gehaaz deebisee, «Nageyuma, ammoo goottaa kiyyatti, ‹Raagota keessaa dargaggooti lama biyya koobittii Efreemiitii, gara kiyya waan dhufaneef, maganne'e meetii gara kiiloogiraama soddomii afuriitii fi woyaa guutuu ta jijjiirataa lama isaaniif kenni› jedhee na erge» jedheen.