2 Kings 5:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Naamani waan jed'eeni, Hagasiniti, qarsi kuma jaa fud'ad'i, inni iti d'owe, qarsi suni subba lamati naqeefi, subba suni woya jilaani tolfatani taani lamaani woliini hojattu isaa nama lamati kenne, Gehazi dura erge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ni'iimaanillee «Saqilii lamaa sii haa kennanii» jedhee deebiseef; innillee saqilii lamaa qalqala keessa kaayee uffata lama ka isaan jijjiiratanillee hojjattoota ufii qabsiisee isaanillee qabatanii isa afoo deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Na'amaan, «Maganne'e, meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii fudhadhu» jedhe. Inni isa uttisee meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii subba lama keessa keyee hidhee, woyaa guutuu ta jijjiirataa lama woliin, tajaajiltoota ifii keessaa nama lamatti kenne; isaanille ba'atanee Gehaaziin dura deemane.