2 Kings 5:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Elishani waan jed'eeni, Hojja namichi gaari isaa iraa bue fuula keesa si d'ufe, anini herega garaa kiyyatini si inagarre? Hojaani tunini hojja nami beesefi woyaafi, d'ad'afi zabibufi reefi loonifi hojattu nama iraa fud'atuniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eelsaa'illee, «Hennaa namichi si dubbisu'uuf gaarii fardaa irraa bu'e ayyaanni kiyya si woliin hin turree? Amma hennaan tun hennaa saqili'ii fi uffata hulee ejersaa fi woyinii itti dhaaban, hoola'aa fi sangoota yookaan hojjattoota dhiiraatii fi ta durbaa fudhattuu miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Elsaa'i ammoo, «Namichi si qophatiisaaf garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irraa yennaa baye, ani ayyaanaan si woliin hin jiruuyyuu? Yennaan tun yennaa beesee, woyaa, fichaa muka ejersaatii fi fichaa muka woyni'ii, hoole'ee fi horii, yookiin tajaajiltoota dhiiraatii fi durraa fudhatanuu ree?