2 Kings 5:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma tana d'ukubi Naamani kaani si qabate, haguma jiru siifi d'aloota keetile iraa imbahu. Akuma Gehazini isa biraa deemeni d'ukubu sunini isa qabate nafi isaa aka daara addaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa dhibeen gogaa kukkutu ka Ni'iimaanii gara kee lufa; atii fi fiixaan kee maruu baraa haga bara baraa dibee kana irraa hin qulqullooftan» jedheen; Giyaaz hennaa bayee deemu dhibeen goga'aa waan isatti lufeef nafti isaa adii akka barada'aa ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, dhukkubi goga'aa farrisiisaan Na'amaanii haga bara baraa si'ii fi sanyii teetitti hin dabara» jedhe. Achiin duuba Gehaaz dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamee adii akka dhakaa bokkeyaa te'ee isa duraa bayee deeme.