2 Kings 5:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi Israeli tatabe suni soome jennaani laalefate, woya tatarsaase waan jed'e, Hayyichi Shamu akami nama kana fayyisi nani jed'a? Inni Waaqa na seha, ka nama ijeese yokhaani jireesu? Wonti kunini aka inni dubbi naraa barbaadu diiduma keesa garsiifti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Israa'elii haga xalayaa kana dubbise uffata ufii tarsaase; laagaa ufii ol qabatee «Mootichi Sooriya'aa attamitti akka ani nama kana isaa fayyisutti yaade? ani nama dhibee goga'aa irraa fayyisu, ani akka Rabbii ajjeesu'uu fi kaasu'uufillee baallii qabu na seeyee? dhugamaan dubbiin kun akka inni naan loluu barbaade mudhisa!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Israa'elii xalayaa yennaa dubbise, gaddaan woyaa ifii tarsaasee, «Ani Waaqaa? Ani ijjeesuu, deebisee kaasuu hin dande'aa? Namichi kun maaf akka ani dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa fayyisuuf nama kana gara kiyya erge? Akka inni dubbii na irratti barbaadu dhagga'a» jedhe.