2 Kings 6:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, ila isaa bani ha arguuti! AABBO Waaqi kad'acha isaa d'agaye, jennaani hojattuuni Elisha olmillate fardaafi gaari ibida ka gaareeni gubba Elisha marse ch'iisu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Eelsaa'i Rabbiin, «Yaa Rabbii kiyya! akka waa argu ija Giyaazii bani» jedhee kadhate; Rabbillee ija Giyaazii banee naannaya Eelsaa'ii faradoon akka ibiddaatii fi gaariin fardaa ka gaara irra guutaniiran arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Elsaa'i, «Ee Mootii Waan Maraa! Akka inni dhaggu ila isaa bani!» jedhee daadimate; Mootiin Waan Maraa ila tajaajilaa Elsaa'ii waan baneef, tajaajilaan sun fardoo ibiddaa heddu'uu fi garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaa hedduun kooba guuttee adaala Elsaa'ii mara jirtuun dhagge.