2 Kings 6:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma worri dira Samaria seeneeni Elishani waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, ila worraa bani, ha wo arganiti. AABBO Waaqi kad'acha isaa d'agaye, ila worraa bane, worri aka Samaria keesa jiru ufi arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma isaan gara Samaariya'aa seenaniin Eelsaa'i, «Yaa Rabbi! akka isaan waa arguu danda'an ija isaanii bani!» jedhee Rabbiin kadhate; Rabbillee ija isaanii banee isaanillee ijji isaanii banamee akka biyya Samaariya'aa keessa jiran uf argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma isaan qachaa seenaneen Elsaa'i, «Ee, Mootii Waan Maraa! Akka isaan dhagganu ila isaanii bani» jedhe; maarre Mootiin Waan Maraa ila isaanii banee, isaanille ilaalanee qachaa Samaariya'aa keessa akka jiranu dhaggane.