2 Kings 6:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyuuni Israeli sagale guddo worraa kenne, eegi worri nyaate d'uge hayyu Shamuti galche. Haguma gaafasiti asi worri Shamu lafa Israeli had'u lakise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf inni waan nyaatanii dhugan isaanii qopheessee isaanii kennee haga nyaatanii dhuganiin maayessa isaan geegesse; isaanillee gara biyya ufii deeman; achiin maayessa loltoonni Sooriya'aa deebi'anii gara worra Israa'elii hin dhufne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre mootiin Israa'elii areertii guddoo isaaniif godhee, isaan nyaatanee unaneen duuba gad isaan lakkise; isaanille gara mootii ifii deemane. Yennaa saniin jalqabanee, gareen loltoota sooriya'aa lafa Israa'elii loliisatti hin deebine.