2 Kings 6:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro dira suni marsani had'anifi sagale lafaa d'abani, lafti guddo beelofte, mata harreele qarsi saddeetamatini bitani, kille mid'aani diqo tokole qarsi shanini gurgurani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Samaariyaa keessa beelli guddaan waan tureef sababaa beelaatiif gatiin mataa harree tokkoo saqilii saddeettama; udaan handari'ii giraama dhibba lamaa saqilii shanitti gurgurama'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaan sun marfamee waan tureef beelti hantuun seentee, gatiin mataa harree tokkoo meetii gara kiiloogiraama tokkoo, udaan saphaliisaa ka gara giraama dhibba lamaa, meetii gara giraama jaatamaa baasuu jalqabe.