2 Kings 6:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni nama erge Elisha yaame. Hojja suni Elishani jaarole keessuma tokooni woliini worra ufi jira. Ato namichi hayyuuni erge ind'ufini Elishani waan jaaroleeni jed'e me ilaala, hayyichi harka d'iiga kaani nama na ijeesu nati erguti jira! Amma yo nami suni armaani bahe, balbala iti ch'ufa, seenu d'owa. Hayyichileeni faanuma isaa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Eelsaa'i jaarsota woliin mana ufii taa'a'aa ture; mootichi nama ergee namni inni erge sun uduu isaan bira hin geenne Eelsaa'i jaarsotaan «Ilmi nama nama ajjeesuu mataa kiyya mursiisu'uuf akka nama erge laalaa'a; hennaa inni dhufee balbala bira gaye akka mana hin seenne balbala cufaa'a; mootichillee isa faanaa dhufa'aaraa» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ifiin dura nama gara Elsaa'ii erge. Yennaa kana Elsaa'i, jaarsolee isa ilaaliisaaf dhutte woliin mana ifii keessa jiraayyu; namichi gara Elsaa'ii ergame adoo isa bira hin geyin, Elsaa'i jaarsolee saniin, «Namichi nama ijjeesu sun na ijjeesisiisaaf nama natti ergeera. Yennaa inni as gewu balbala itti cufa'aatii, seensa isa dhoogga'a. Goottaan isaalle duuba isaatiin dhufiisatti jira» jedhe.