2 Kings 7:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Elishani waan jed'eeni, Waan AABBO Waaqi jed'u d'agaya! Bori hojja tana Samaria keesa dargaye kilo sadi yokhaani garbu kilo jaa qarsi tokooni gurgurani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eelsaa'i, «Dubbii Rabbii dhagayi! Rabbi akkana jedha, boru hennaa akkanaa kana Samaariyaa keessatti qamadiin mishaan iifii sadihii yookaan garbuun iifii jahaa saqilii tokkoon bitama» jedhee deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Elsaa'i deebisee, «Jacha Mootii Waan Maraa dhage'i! Mootiin Waan Maraa, ‹Boru yennaa tana karra qachaa Samaariya'aatitti, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman› jedha» jedhe.