2 Kings 7:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni halkani kae waan hojattu isaatini jed'e, Anini waan worri Shamu malatu ya arge, worri aka nu beela qamnu imbeekha, tanaafi fulla qara jirani kaani raasa keesati d'okhachu d'aqani, waan jed'ani, Hojja worri dira keesaa bahu, worra qaqamne dira worra fud'anna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi halkaniin ka'ee worra loltoota ajajuun «Waan worri Sooriya'aa na irratti hojjatan isinitti hima; isaan akka nu beelofneerru hin beekan; kanaafuu isaan hennaa qachaa keessaa bayan isaan qabnee gara qachattii isaanii seenna; jedhanii goda keessatti dhokachu'uuf qe'ee dhiisanii deemaniiran» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi halkaniin ka'ee, qondaaltota ifiitiin, «Waan worri Sooriya'aa nu irratti hujiisatti jiru, ani isinitti hima. Isaan akka nuuti beela irra jiru hin beekan; maarre isaan, ‹Isaan qachaa keessaa bayiisa hin dhabanu; nuutille jiru'uun isaan boojinee, gara qachaa sanii hin seenna› jedhanee yaadanee, addee quttuma ifii lakkisanee dhokatiisaaf, qacha'aan alatti bayane» jedhe.