2 Kings 7:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo namichi hayyuuni deemu kaani waan jed'e, Dubbini sunini intaatu, ato AABBO Waaqi amuma tana bokaya buusele! Jed'e morme Elishani waan jed'eeni, Atini waan suni iluma teetiini garta, ammo woma insooratu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa san ajajaan loltootaa sun deebisee nama Rabbii Eelsaa'iin «Uduu Rabbi samiillee banee silaa wonti kun hin ta'aa?» Jedhee ture. Eelsaa'i «Kana ijaan argita malee afaaniinuu hin qabdu» jedheenii ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaaltichi sun nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» waan jedheeruuf, Elsaa'i, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhee deebiseeraayyu.