2 Kings 7:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri afraani kaani fulla askartini baqatefi taanini bahe jennaani waaro toko seenani waan keesati argani ch'ufa nyaatani d'ugani, qarsifi worqifi woya ch'ufa guuratani, itiini d'aabatani, d'ofatani; jennaani ammalle keesa deebiani, waaro d'ibi duudani, akuma kaani tolchani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni dhibee gogaa kukkutuun qabaman sunniin dhufanii daasee isaan keessaa baqatan tokko keessa seenanii nyaatanii dhuganii achi keessaa birrii, worqi'ii fi uffata fudhatanii dhoffatan; daasee lammeesso'oo keessallee seenanii achi keessaallee fudhatanii dhoffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu sun, addee quttuma worra Sooriya'aa yennaa geyane, dunkaanii takka seenanee, waan achi jiru nyaatanee unanee, meetii, worqi'ii fi woyaa fudhatanee, dhaqanee dhoffatane; achiin duuba isaan deebi'anee dunkaanii dhibii seenanee, achi keessalle'ee waan dhibii fudhatanee, dhaqanee dhoffatane.