2 Kings 8:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Elishani niiti worra Shunemu, ta inni ilma isii duisa keesaa kaase taanini qaraa waan jed'e kai, siifi worri keetileeni fulla d'ibiti godaana; AABBO Waaqi haga ganna torba lafa tana beela iti buusa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eelsaa'i dubartittii daa'ima isi'ii du'aa kaaseef saniin «Ati maatii kee woliin asii deemii hulee biraa jiraadhu; beelli biyya kana keessatti woggaa torbaaf akka turu Rabbi ajajeeraa» jedhee isi'itti dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Elsaa'i dubartittii qachaa Shuneemii keessa leetu, ta ilma isi'ii du'aa kaaseen, «Mootiin Waan Maraa beelti woggaa torbaa lafa irratti akka buutu waan murteesseef, maatii teeti woliin yenna'aaf addee le'uu dandeettu deemi» jedhe.