2 Kings 8:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hazaelini waan jed'eeni, Aabbo, atini maanifi boota? Elishani waan jed'eeni, Waan hamtu atini worra Israeli tolchitu anini imbeekha, atini dira worra jajaba gubde, nama worraa kaima ch'ufa qaqalte, ijoolle worraa ch'ufa ch'ach'arasite, nad'eeni worraa ta garaacha qabdu ch'ufa garaa baqasita.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Azaahel, «Gooftaa kiyya maaf bootta?» Jedhee Eelsaa'iin gaafate; Eelsaa'i, «Waan hamaa ati uf afoo banii Israa'elii irratti gootu waan beekuuf; wonti hamaan sunniinillee ati kushee isaanii ibiddaan gubda; ka'imman isaanii jajjaboota hin goorraata; daa'imman isaaniillee dhagaa irratti bubburussita; garaa dubartoota isaanii ta ulfaallee hin babbaqassita» jedhee deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hazaa'el, «Ee goottaa kiyya! Maaf bootta?» jedhee gaafate. Elsaa'ille, «Waan hantuu ati Israa'eloota irratti gootu waan beekuuf bowa; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfame ibiddaan hin gudda; dargaggoota isaanii shallaaga'aan hin ijjeetta; ijoollee isaanii lafatti hin dhootta; dubartoota isaanii ta ulfa qaddu gadhaa hin baqassita» jedhe.