2 Kings 8:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba isiini dubbi Elisha ch'aqafte, worra isii fud'atte, kaate godaante, ganna torba lafa Filisti keesa teete.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf dubartittiinillee akkuma namni Rabbii Eelsaa'i isi'itti hime maatii ufii qabattee deemtee biyya Filisxeemii keessa haga woggaa torbaa teette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isiin kaatee akkuma nami Waaqaa Elsaa'i isi'iin jedhe goote; maatii ifii woliin gara biyya Filisxeemotaa dhaxxee woggaa torba achi leete.