2 Kings 8:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yehoramuni gaari isaa ka fardi hirkisu ch'ufa guurate, Sairi d'aqe, achiti askartini Edomu worra Marsite. Halkani suni isaafi worri isaa ka gugurda askarti gaarini yaatu, nyaapa suni iti ch'abse, askartini ch'uftileeni worra ufiti baqatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Iyyooraam gaarii fardaa ufii maraa qabatee gara Saa'irii lufe; namoota Edoomiyaasii ka isaa fi bulchoota gaarii fardaa ka isa marsaniiran dhaye; loltoonni garuu gara daasee ufii dheesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Yehoraam garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee Saa'iiritti duule. Worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu marsane; innii fi ajajjooti isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu ammoo, halkaniin ka'anee worra Edoomii lolanee dhoosane bayanee, baqatanee gara mana ifii deebi'ane.