2 Kings 8:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni aka fayyu dira Yezreeli d'aqe achi tae; ato inni achi jiru Ahaziani isa argu d'aqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa mootichi biyya Sooriya'aa Iyyooraam mootii Azaaheliin wol lole, madaa worri biyya Sooriya'aa isa madeessan yaalamu'uuf gara qachaa Iyiziraa'elii deebi'e; ilmi Aki'aabii Iyyooraam waan dhibameeruuf Akaaziyaas ilmi Iyyooraamii mootii biyya Yihuuda'aa isa gaafachu'uuf gara Iyiziraa'elii dhaqe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yoraam madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu Raamootitti madowe san fayyiisaaf gara Yizre'elii deebi'e; ilmi Ahaabii Yoraam waan madoweeruuf, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa gaafatiisaaf Yisre'el dhaqe.