2 Kings 9:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yehuni gara worra wahela isaa kaani deebie jennaani worri waan isaani jed'e, Lafti naguma? Maraatani sunini maani sira qaba? Yehuni waan jed'eeni, Isani waan inni barbaadu imbeetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyuun manaa bayee gara garboota gooftaa ufii dhaqe; isaanillee Iyyu'uun, «Maal nagayaa mii? Maraattichi kun maaf gara kee dhufe?» jedhanii gaaftan. Innillee, «Namichaa fi waan inni natti dubbate isinuu hin beettan» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Yehuun gara ajajjoota loltoota goottaa ifii deebi'ee gad baye, isaan keessaa tokkochi, «Wonni marti nageyaa? Namichi maraataan kun maaf gara keeti dhufe?» jedhee gaafate. Yehuun deebisee, «Heci, namichalle, waan inni dubbatulle isinuu hin beettan» jedhe.