2 Kings 9:15 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyooraam mootii biyya Sooriya'aa Azaaheliin lola Reemaatii biyya Gala'aadii keessatti ta'een dhayamee waan madaayeef Yisiraa'eliin keessatti yaalamu'uuf dhaqee ture; kanaafuu Iyyuun loltoota goshoota ufiitiin «Isin yoo ka na woliin taatan ta'e banii biyya Yisiraa'elii keessa jiru uf eeggachiisu'uuf namni oduu himu tokkollee qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessaa dheessee akka hin baane godhaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yoraam ammoo madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu loltooti Sooriya'aa isa madeessite san fayyiisaaf Yizre'elitti deebi'eeraayyu; Yehuun, «Kun yaada keessan yoo te'e, nami tokkolle qachaa kana keessaa miliqee bayee, Yizre'el keessatti dubbii tana akka hin dubbanne eega'a» jedhe.