2 Kings 9:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni gaari ufi yaabate, kae Yoramu ka Yezreeli jiru argu d'aqe. Yo inni artini bahe Yoramuni ammalle infayyine, ammalle hayyu Ahazialeeni ka isa argu d'ufe, arti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Iyyooraam dhibamee Yisiraa'eliin keessatti uduu yaalama'aaru Iyyuun gaarii fardaa yaabbatee gara Yisiraa'elii dhaqe. Hennaa san mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas Iyyooraamiin gaafachu'uuf dhaqee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san Yoraam dhibamee qachaa Yizre'elii keessa waan irkateeruuf, Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa ilaaliisaaf gad bu'e; tanaaf Yehuun garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara qachaa Yizre'elii dhaqe.