2 Kings 9:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani namichi toko ka eeddo yaabate fullo balbala suni eegu jiru, Yehufi askarti isaa ta gad'uftu arge, lalabe waan jed'e, Anini duula gad'ufu jiru arga. Yoramuni waan jed'e, Nama fardaani deemu fuula keesa ergi, aka worri nama nagaya yau gaafad'i.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san gaadduun dallawa dhaga'aa ka Iyiziraa'elii irra dhaabateeru tokko uduu Iyyuun loltoota ufii woliin dhufa'aaru argee «Loltoota arga'aara» jedhe; Iyyooraam hennaa san, «Nama tokko farda yaabbisii isaanitti ergi innillee maal nagayuma dhuftanii haa jedhuunii» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eeddichi xelleephoo dalleya Yizre'elii irra jiru, loltooti Yehu'uu dhufaaranuun dhaggee, qoonqoo ol qabatee, «Loltoota dhufiisatti jiranu takka dhagge!» jedhe. Yoraam deebisee, «Abbaa fardaa tokko itti ergiitii, ‹Isin nageyaafuu dhufaartanii?› jedhee gaafatuu ti» jedhe.