2 Kings 9:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi kaani kae, Yehu fuula keesa deeme waan jed'eeni, Hayyuuni waan jed'u, Atini naguma d'ufuu jirta. Yehuni waan jed'eeni, Dubbi suni lakisi, na gula kooti. Namichi fullo eegu kaani waan kana arge jennaani, qonqo biyyati deebise waan jed'e, Namichi ya artini bahe ammo gadi deebiuti injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni farda yaabbateeru sunillee isaaniin wol argu'uuf deemee Mootiin «Maal nagayaa mii?» Siin jedha jedhe; Iyyuunillee, «Nagaya maaltu jira? Kana irra, na duuba lufii na faanaa koottu!» jedheen. Gaadduun sun garuu mootichaan, «Namni ergame sun isaan bira gayeera; garuu uf irra hin deebine» jedhee itti hime.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan fardaa sun farda irra tee'ee gara Yehu'uu dhaqee, «Mootichi, ‹Nageyaafuu dhufaartanii?› isiniin jedha» jedhee gaafate. Yehuun deebisee, «Ati Nageya irraa maan qadda? Gara duubaa tariitii na hordofi» jedhe. Eedichi xelleephoo irra jiru sun, «Ergantichi isaan bira geyeera; ammoo deebi'ee dhufiisatti hin jiru» jedhee mootichatti hime.