2 Kings 9:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yoramuni waan jed'e, Gaari kiyya na kurfeesa, jennaani kurfeesanifi. Duuba isaafi Ahaziani, hayyuuni Yuda, namu gaari ufi yaabate, Yehu fuula keesa yaani, fulla oobru Nabothiti fuula keesa d'ufani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Iyyooraam, «Gaarii fardaa qopheessaa'a» jennaan qopheessaniif; mootiin Israa'elii Iyyooraamii fi mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas gaarii fardaa yaabbatanii Iyyu'uun wol gawu'uuf dhaqan; haga dhaqan maasaa qonnaa ka Naabutee gosa Yisiraa'elii keessatti isa argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yoraam, «Garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu naaf qopheessa'a» jedhee ajaje; isaanille qopheessanee, innii fi mootichi Yihuda'aa Ahaaz qofi qofitti garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'anee, gara Yehuu dhaqanee, fichaa Naabotii Yezire'elichaa keessatti isa dhaggane.