2 Kings 9:26 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini kale d'iiga Nabothitifi ka ilmaani isaa arge. Sile artumati ijeese haalo baafad'a. Tanaafi waan tatu, reefa Yoramu fuud'i oobru Nabothi keesa buusi, akasiini kakhu AABBO Waaqa guuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugamaan kaleessa akka Naabuteenii fi ijoolleen isaa du'an argeera qonna kana keessatti isaan adaba jedhee Rabbi armaan dura dubbateera kanaafuu dubbiin Rabbii akka raawwatamuuf reeffa Iyyooraamii fuudhii maasaa Naabute'ee keessatti darbii gati» jedhee nama isa gargaaru ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, ‹Ani kalee dhangala'iisa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa dhaggeera; ani dhugumaan fichuma kana keessatti akka ati haluu baatu hin godha› jedha; tanaaf akka Jecha Mootii Waan Maraatitti, reeffa Yoraamii fuudhiitii fichaa Naabotii keessatti gati» jedhe.