2 Kings 9:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyu Ahaziani waan tahe arge jennaani gaari ufi keesa gara dira Beth-Hagani baqate. Yehuni isa reebe, jara isaatini, isale ijeesa jed'e. Duuba ato inni gaari ufi kara Guuri d'aatu Ibleamu oofu, worri isa d'aqabe madeese. Ammo inni baqate Megidoni bahe achumati due.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas haga waan kana arge gaarii fardaa irra taa'ee gara qachaa ufii dheesse; Iyyuunillee loltoota ufiitiin «Kanallee uduma inni gaarii fardaa yaabbatee fiigu woraanaa'a» jedha'aa isa faanaa deeme; Akaaziyaas uduu Iyyuu jalaa dheessu goodda naannoo guurii baabla'aamii jirtutti isa woraanan; innillee gara Maqidoomii dheessee achitti du'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yihuda'aa Ahaaziyaan waan te'e kana duudii yennaa dhagge, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu yaabbatee, karaa gara qachaa Bet-haaganii geessu baqate. Yehuun isa ari'ee, «Isalle ijjeesa'a» jedhee ajaje. Isaanille qachaa Yible'aamii biratti karaa tarba Guuriititti garreettaa isaa ka fardaan harkifamu keessatti isa madeessane. Inni ammoo gara qachaa Megidoo baqatee, achitti du'e.