2 Peter 1:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa isa woliin gaara woyyicha gubbaa jirru, nuutinuu qoonqoon tun ol-gubbaa irraa dhuttuun dhageenneerra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu qonqo tana ta gubba gadi buutu d'ageenne, gaafa nu isa woliini gaara qulqullo gubba jirru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu gaafa isa waliin gaara qulqulloo gubbaa jirru qoonqoo tana ta gubbaa gadi buutu dhageenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nullee hennaa gaara qulqulluu irratti isa woliin turre, laagaan kun hennaa sami'ii dhufu dhageenneerra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nullee hennaa gaara qulqulluu irratti isa woliin turre, laagaan kun hennaa sami'ii dhufu dhageenneerra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan woliin gaara Qulqulluu ta'e irratti yeroo turretti qooniqqa sami'ii dhufe kana, nu'u mataan keennaa dhageennee jirra.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa isa woliin gaara woyyicha gubbaa jirru, nuutinuu qoonqoon tun ol-gubbaa irraa dhuttuun dhageenneerra.