2 Peter 1:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre dubbiin raagoti dubbatane irra caalaa nuu mirkanootteerti. Isin haga boruun dayya'ee bakkalchi ganamaa gadhaa keessan keessatti bawutti, dubbii tana akka ifa addee dukkanaatitti ifuuf xiyyeeffannaa kennitanu, dubbii raagoti dubbatte tanaaf yoo xiyyeeffannaa kennitane dansaa gootan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu d'aamsa raagooti nuti himte aka dansa beenna. Yo waan kana aka dansa ch'aqaftani, waan dansa tolchitani; wonti akanatiifi inni aka ifse dukana keesa ifsitu jira, haga lafti bariite urjiini ganama gara keesaniti ifsituuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tun cufti waan raagootii nutti himte haga qaraalle caalaa akka dansaa nuu diidessiti. Yo waan kana akka dansaa caqaftan, waan dansaa tolchitan; wantii akkanaatiif innii akka ibsee dukkana keessa ibsituu jira, haga boruun diimatee bakkalchii barii garaa keessaniitti ibsuutti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu dubbii raattotaan dubbatame caalaa nuu mirkanaayeera. Isinillee haga lafti bariite bakkalchi bariisa'aa garaa keessan keessatti haga bayutti akka namni ibsaa hulee dukkanaatitti ibsu uf eegutti dubbii kanaa uf eegaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu dubbii raattotaan dubbatame caalaa nuu mirkanaayeera. Isinillee haga lafti bariite bakkalchi bariisa'aa garaa keessan keessatti haga bayutti akka namni ibsaa hulee dukkanaatitti ibsu uf eegutti dubbii kanaa uf eegaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun marrinuu nabiyyoonni ka dubbatan dhugaa ta'uu isaa caala'atti nuuf ni mirkaneessan, kanaaf ibisaa bakka dukkanaa titti argamuuf xiyyeeffannaa akkuma kennitaniif, waan nabiyyoonni dubbataniif'llee xiyyeeffannaa kennaa, kana'llee ka raawwattan haga laftti bariituttii fi urijjiin bariisa'aa onnee teessan keessatti haga mulidhatutti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year