2 Peter 1:3 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqa ulfinnaa fi dansummaa ifiitiin nu waame beekiisaan, hunni Waaqummaa isaa, waan jiruu teennaa fi ayyaantummaa dhuga'aatiif nuu barbaachisu duudii kenniteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jabeenni isaa jabeenna Waaqaati, ya waan nu argachu male ch'ufa nuu kenne, aka jireenna dansaani teennu, waan nu nama nu yaame guddinnaafi dansooma ufi nu qoode beennuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan ka nu yaamee guddinnaafi dansooma ufii nu qodee beennuf akka jirennaa dansaan tennuu yaa waan nu argachuu mallee cufaa nu kenne. Jaabeni isaa jabeenna Waaqaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan jireennaatii fi Ayyaantummaa dhuga'aa nu barbaachisu maraa hunna Waaqummaa ufiitiin nuu kenneera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ulfinnaa fi mishummaa isaatiin ka nu waame, isa beekuu keennaan humnniti isaa ka Waaqumma'aatiin jireennaa fi Waaqa Waaqeffachu'uuf waan nu barbaachisu maraa, nuuf kennee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqa ulfinnaa fi dansummaa ifiitiin nu waame beekiisaan, hunni Waaqummaa isaa, waan jiruu teennaa fi ayyaantummaa dhuga'aatiif nuu barbaachisu duudii kenniteerti.