2 Peter 1:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda'aatii fi ka gatii gudda'aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu'uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma'aa worra qoodamu teetaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kara kanaani, inni ya kakhu dansa, ta guddo wo nu baatu nuu kenne, aka eegi waan inni kakhate argattani, d'araa badi, ta lafa tana keesa jirtu, duraa baatani, Waaqa fakaattani, jireenna isaa qoodattani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Karaa kanaan, innii ya kakuu dansaa, ta guddoo wa nu baatu nuu kenne, akka eegii waan innii kakate argattan, dharraa badii, ta lafa tana keessa jirtu, duraa baatanii, Waaqaa fakkaattani, jireenna isaa qoodattan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii worra amala Rabbii qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii, amala Rabbii worra qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ulfinnaa fi ulfinna arjjooma isaatiin gatii ka qabuu fi haalaan ol aanaa ka ta'e, abddii isaa arigannee jirra, karaa kanniiniitiin'llee isin sababa hawwii hama'aatiin balleessaa biyya lafaa kana irra jiru jalaa baatanii, qoodamtoota amala Waaqumma'aa taatanii jirttan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda'aatii fi ka gatii gudda'aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu'uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma'aa worra qoodamu teetaneertan.