2 Peter 1:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni kun isin keessa jiraattee heddataa yoo deente, Goottaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, akka isin worra woyi hin baanee fi midhaan hin buunne akka hin teene isin hin eega.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana ch'ufa qabaachu maltani; yo waan kana ch'ufa qit'e ufi keesa qabaattani, beekhuma Aabbo Yeso Kristo keesa jabaattani mid'aani baaftani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kana cufaa qabaachuu maltan; yo waan kana cufa qixxee ufi keessaa qabaattan, beekumsa Aabboo Yesus Kiristoo keessaatti jabaattan midhaan baaftan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo wonti kunniin isinii guddisee baay'ate beekkumsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yoo wonti kunniin isinii guddisee baayi'ate, beekkomsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wonittoota kanniin baayi'innaan uduu qabaattanii, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uuf ka hin fayyadinne firi dhabeeyyii akka hin taaneef, isin ni eegan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun isin keessa jiraattee heddataa yoo deente, Goottaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, akka isin worra woy hin baanee fi midhaan hin buunne akka hin teene isin hin eega.