2 Peter 2:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma tanaan qara raagoti dharaa kolbaa oddu'utti ka'ane, barsiisoti dharaa isin oddu'utti hin ka'an. Isaan akka barsiis dharaa ka badii fidu dhokaataan babadhatu godhan; Goottaa isaan wodelle mormatanee, badii ariifattuu ifi irratti fidan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Raagooti d'ara duru biyyati d'ufte, ammalle akasuma raagooti, d'ara isaniti indufti. Barsiisa d'araatiifi ta nama balleesituuni d'ufte, Aabbo ka worra baase mormatte maro tokotu ufi balleesite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Raagootii dharaa duruu biyyaatti dhuftee, ammallee akkasuma raagootii, dharaa isaniitti dhufti. Barsiisaa dharaatii fi ta nama balleessituun dhuftee, Aabboo ka warra baase mormattee, yoma tokkoon badiin ufitti dhufan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu bara duraanii titti ummaticha jidduu nabiyyoonni dharaa akkuma turan, isin jidduu'llee nabiyyoonni dharaa ni jiraatan, isaan balleessaa ka itti aanssu barsiifnni dharaa dhossa'aan akka tamisa'u ni taasisan, Gooftaa isaa fayyise'llee waakkatanii badii ariiffachiisaa mataa isaanii irratti ni fidan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma tanaan qara raagoti dharaa kolbaa oddu'utti ka'ane, barsiisoti dharaa isin oddu'utti hin ka'an. Isaan akka barsiisi dharaa ka badii fidu dhokaataan babadhatu godhan; Goottaa isaan wodelle mormatanee, badii ariifattuu ifi irratti fidan.