2 Peter 2:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barsiisoti dharaa tun ammoo waan ifiif hubatuu dadhabane arrassan; isaan akka bineensa duuddittii le'uutii fi yaadee wo gargar hin baannee, ka qabamu'uu fi ijjeefamu'uuf dhalatee ti; akkuma bineensi sun badu, isaaniille ijjumaa hin badan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri kunini aka bineensa ala ka qalbi inqamne jira, ka qabisaafi ijeecha d'alate; worri waan inhubanne arabsa. Worri aka bineensa ala balleesani;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kunin ammoo akka bineensa alaaka qalbii hinqamnee jira, ka qabisaa fi ijjeechaa dhalate; warrii waan hubachuu dadhabe in abara. Warra akka bineensa alaa balleessan;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni kun ammo waan ufii hubatuu dadhabanii arrabsan; isaan akka bineensa bosonaa ka qalbii hin qabnee ka miira isaaniitiin badaniititti isaanillee balleessaa ufiitiin badan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni kun ammoo waan ufii hubatuu dadhabanii arrabsan; isaan akka bineensa bosonaa ka qalbii hin qabnee ka miira isaaniitiin badaniititti, isaanillee balleessaa ufiitiin badan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barsiisonni dharaa tunniin garuu waan hubachu'uuf isaan dhibeef nama ni arrabssan, isaan xamadamu'uu fi ajjeefamu'uuf akka waan dhalatanii, akka beeyiladootaa miira isaanii ka uumamaatiin jiraataniitii fi akka beeyiladoota sammuu hin qabnneetii, akkuma beeyiladoonni badanitti isaan'llee raawwatan ni badan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barsiisoti dharaa tun ammoo waan ifiif hubatuu dadhabane arrassan; isaan akka bineensa duuddittii le'uutii fi yaadee wo gargar hin baannee, ka qabamu'uu fi ijjeefamu'uuf dhalatee ti; akkuma bineensi sun badu, isaaniille ijjumaa hin badan.