2 Peter 2:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan hantuu tolchaneef hantuu dhaggatan. Isaan ila guyya'aatiin halchaa nafa ifii guutatiisaaf waanuma fedhane godhaa gammadan; yennaa nyaataaf isin woliin waamamane, isaan worra hujii isaanii maltitti'iin fokkisiisuu fi qaaneessu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
akuma worri gaargalaani d'ufe, worrale gaargala itiini d'ufani gammadi worraa yo waan d'araa nafa worraa quufisitu guyya guddaani tolchani, hojja worri sagale isanii woliini nyaatu waan fafaati, waan worri kara sobaa jaalatufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma warrii gaargalaan dhufe, warraallee gaargalaan ittii dhufan; gammadii warraa yo waan dharraa nafa warraa quufsitu guyyaa guddaan tolchan. Waan warrii karaa sobaa jaalatuuf, yo warrii sagalee isan waliin nyaatu waan fafaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan guyyamaan fedha ufii guuttachu'uuf waan fedhan godha'aa gammadan. Hennaa nyaataaf isin woliin waamaman isinuma jiddu'utti waan batti'ii fi fafa hojjatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan guyyamaan fedha ufii guuttachu'uuf waan fedhan godha'aa gammadan. Hennaa nyaataaf isin woliin waamaman isinuma jiddu'utti waan batti'ii fi fafa hojjatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Balleessaa waan raawwataniif gatii isaanii ni fudhatan, gammachuun isaanii'llee aduu saafayaatiin machaayu'uu fi haga malee fandalalu'u, fandalaluu isaanii ka haga dhabe kanaan isin woliin yeroo afeeramanitti, sobaa ka ta'e gocha isaanii ka fooniitiin, isaan heeybayoota fi qaanesstoota.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan hantuu tolchaneef hantuu dhaggatan. Isaan ila guyya'aatiin halchaa nafa ifii guutatiisaaf waanuma fedhane godhaa gammadan; yennaa nyaataaf isin woliin waamamane, isaan worra hujii isaanii maltitti'iin fokkisiisuu fi qaanessu.