2 Peter 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Iltii isaanii yennaa duudii halcha'aan gara gaarayyeeffataa ilaalti; halchaan isaaniille cubbuu hujiisa irraa dheebuu hin baatu. Namoota dadhaboolee wollaalchisanee tiyyoo ifiititti galfatan. Qalbiin isaanii joljoliisa baratteerti. Isaan abaarsa Waaqaa jala jiran!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan tokole imillatu, nad'eeni male, sabdooma worraa ka gara daba haguma jirani inquufsani. Worri nama laafa ch'ufa t'urura keesa buusa. Onneeni worraa ya sabdooma baratte, tanaafi worri abaarsa Waaqa qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii nadheen malee waan tokkoollee hin millatu, sabdooma warra ka gara daba haguma jiran hinquufsan. Warrii nama laafaa cufa xuruuraa keessa buusa. Onneen warraa ya sabdooma barattee, tanaaf warrii abaarsa Waaqaa qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan hennaa maraa halcha hama'aa fi ija cubbuu hujuu irraa hin deebine qaban; namoota amanti'iin jabaatanii hin dhaabanne dogoggorsan; qalbii fedha bada'aan guuttamte qaban; isaan worra abaarame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan hennaa maraa halcha hama'aa fi ija cubbuu hujuu irraa hin deebine qaban, namoota amanta'aanii jabaatanii hin dhaabanne dogoggorsan, qalbii fedha bada'aan guuttamte qaban; isaan worra abaarame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ija cubbuu raawwachuu irraa ufi hin qusanne ni qaban, fedhiin isaanii ka cubbuu raawwachu'uu yoomuu hin furmmu, namoota amanti'iin jabaatanii hin dhaabatin ni soban, qarshi'iif ni haafayan. Isaan namoota abaaraman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iltii isaanii yennaa duudii halcha'aan gara gaarayyeeffataa ilaalti; halchaan isaaniille cubbuu hujiisa irraa dheebuu hin baatu. Namoota dadhaboolee wollaalchisanee tiyyoo ifiititti galfatan. Qalbiin isaanii joljoliisa baratteerti. Isaan abaarsa Waaqaa jala jiran!