2 Peter 2:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri akkanaa kun akka bisaan madda gogeetii fi duumeensa bubbe'een oofamuu ti; dukkanti dimmille isaan eegatti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini aka eela madda inqamne jira, aka dumansa bubbeeni fuutu jira; Waaqi ya dukana sipe keesati fulla worraa mid'aase.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kunin akka eela madda hinqamnee jira, akka dumansa bubbeen fuutuu jira; Waaqii ya dukkana siphee keessatti fulaa warraa midhaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri akkanaa kunniin akka burqaa bisaan gogeetii fi duumessa bubbe'een oofamuuti. Dukkana jaamaa akka male'eetitu isaan eeggata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri akkanaa kunniin akka burqaa bisaan gogeetii fi duumessa bubbe'een oofamuuti. Dukkana akka male'eetitu isaan eeggata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni kunniin akka burqaalee bishaan hin qabnneeti, bubbee honbololatti'iitiin akka duumessota fudhatamaniiti, dukkanitti jimiin isaan ni eeggata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri akkanaa kun akka bisaan madda gogeetii fi duumensa bubbe'een oofamuu ti; dukkanti dimmille isaan eegatti.