2 Peter 2:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ifi saadaa dubbii gara hin qannelle dubbatiisaaf, halchaa badduu fedha fooniitiin, worra dokonkora keessa le'anu keessaa reefuu baqatanee dhufane sossobaa tiyyoo ifii keessatti galchan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi kiyyibatiifi ta daalluma dubbatani, nama diquma toko worra wollaala qabu keesaa imbahiini d'araa nafatiini sobani t'urura ke buusani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dubbii kiyyibaatii fi ta daallummaa dubbattan, nama diqquma tokko warra wallaala qabu keessaa hinbahiin dharraa nafaatiin soban xuruuraa keessa buusan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan dubbii gara hin qabnee fi dubbii fedha foonii waan odeessaniif worra jireenna dogoggoraa keessa turanii reefuu baqatanii dhufan siiboo sobaa uf keessa galfatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan dubbii gara hin qabneef dubbii fedha foonii waan odeessaniif worra jireenna dogoggoraa keessa turanii reefuu baqatanii dhufan siiboo sobaa uf keessa galfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoota dogoggoraan jiraatan jiddu'uu milqanii ka bayan keessaa namoota baayi'ee hin turin, tasa ka ta'e jecha ufi tuulumma'aa dubbachu'uun, kajeellaa gocha sagaagalaatiin woliin jechisiisu'uun, isaan ni soban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ifi saadaa dubbii gara hin qannelle dubbatiisaaf, halchaa badduu fedha fooniitiin, worra dokonkora keessa le'anu keessaa reefuu baqatanee dhufane sossobaa tiyyoo ifii keessatti galchan.