2 Peter 2:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Goottaa keennaa fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, battummaa biyya lafaa jalaa bayaneen duuba, deebi'anee itti qabamanee yoo moyamane, akki isaan itti le'anu ka duubaa ka duraa caalaa itti hammaata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami maro Aabboofi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo beekhufi t'uri lafaa keesaa bahe, ammo ammalle hameenni suni isa qabe dabsate, nami sunini haga qarale ira hameenna keesa jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo namii marroo Aabboo fi fayyisaa keenna Yesus Kiristoo beekuuf xurii lafaa keessaa ba'e, ammoo ammallee hammeennii sun isa qabee dabsatee, namii sun haga qaraallee irra hammeenna keessa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Beekkumsa qoricha keenna Yesuus Kiristoosiitiin haga battummaa adunya'aa jalaa bayaniin maayessa deebi'anii qabamanii yoo mooyataman jireenna duraa irra ka maayessaa isaanitti hammaata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Beekkomsa qoricha keenna Yesuus Kiristoosiitiin haga battummaa adunya'aa jalaa bayaniin maayessa, deebi'anii qabamanii yoo mooyataman, jireenna duraa irra ka maayessaa isaanitti hammaata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun battummaa biyya lafaa jalaa eega bayaniin duubatti, deebi'anii battummaa saniin qabamanii yoo injifataman, ka duranii irraa haalli mai'ii caala'atti hamaa isaanitti ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaa keennaa fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, battummaa biyya lafaa jalaa bayaneen duuba, deebi'anee itti qabamanee yoo mowamane, akki isaan itti le'anu ka duubaa ka duraa caalaa itti hammaata.