2 Peter 2:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi yennaa ergantooti isaatuu cubbuu hujane, isaan gad darbatee, boolla qilee dukkanaa keessatti wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, guyyaa mura'aatiif akka eegamanu godhe malee, isaan hin mararre.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi malaika duri daba tolchite akanumati illakimne, ammo boola ibaditi gate duuba achiti haada sibiilatiini hid'ani, dukana keesati qorsuma eegati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii ergamtoota durii daba tolchite akkanumaatti hinlakkimnee, ammoo boolla gadi qileetti gataan, achiitti haada sibiilaatiin hidhan, dukkana keessatti murtii eegatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Maleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi Maaleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne, boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikoonninuu yeroo cubbuu hojjatanitti Waaqinni uduu garaa isaanii hin laafniif, boolla dukkanaa gad fago'oo keessatti guyyaa murti'ii akka eeggataniif, gara ibidda asaabaa titti isaan ni gate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi yennaa ergantooti isaatuu cubbuu hujane, isaan gad darbatee, boolla qilee dukkanaa keessatti wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, guyyaa mura'aatiif akka eegamanu godhe malee, isaan hin mararre.