2 Peter 2:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi waan worra Waaqa malee le'u irratti dhufuuf akka fakkeenna te'uuf, qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aatitti muree ibiddaan balleessee daadhaa godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi dira Sodomafi ka Gomora wollaala iti mure, ibidaani gube daara tolche, akheekha nama Waaqa insodaanne ka eegi tana d'ufu tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii dira Sodoomii fi ka Gomoraa wallaala itti muree, ibiddaan gubee daaraa tolche, warri kun akeessa nama Waaqaa hinsodaanneeti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
fakkeenna worra cubbuu hojjatu'uuf ta'anii godhee qachoota Soodoomii fi Gomoora'aa haga isaan daaraa ta'anitti gubee jissee yoo isaanitti murteesse,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
fakkeenna worra cubbuu hojjatu'uuf ta'anii godhee qachoota Soodoomii fi Gomoora'aa, haga isaan daaraa ta'anitti gubee jissee yoo isaanitti murteesse,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
dabalee'llee worri Waaqa hin waaqeffanne marrinuu fakkeenna adabamaa akka ta'aniif, magaalaawwan Sodoomii fi Gamoora'aa haga daaraa ta'anitti, gubanii akka balleessaniif isaanitti ni murtteesse,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi waan worra Waaqa malee le'u irratti dhufuuf akka fakkeenna te'uuf, qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aatitti muree ibiddaan balleessee daadhaa godhe.