2 Peter 2:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Goottaan, namoota Waaqaa haga ilaalcha jalaa attam akka baasu, worra jalloota ammoo haga guyyaa mura'aatitti attam akka adabama jala tursu hin beeka;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi Waaqi aka nama d'uga gaargala isaa duraa baasu imbeekha, ammalle nama hama haga Guyya Qorsuma gaargalchu imbeekha,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf Waaqii akka nama qajeelaa gaargala isaa duraa baasu, ammallee akka nama hamaa haga guyyaa muraatiin eegu inbeeka,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Gooftaa waaqeffatan ataabee jalaa baasee worra cubbamtootaa, keessattuu worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa kun marrinuu akkana yoo ta'e Gooftaa isa waaqeffachu'uun namoota jiraatan qormaata irraa akka isaan fayyisu, cubbamoota'llee attamitti akka isaan adabuu fi guyyaa murtti'iitiif'llee attamitti eegee akka isaan turssiisu, ni beeka jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Goottaan, namoota Waaqaa haga ilaalcha jalaa attam akka baasu, worra jalloota ammoo haga guyyaa mura'aatitti attam akka adabama jala tursu hin beeka;