2 Peter 3:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le'iisaaf maltane ree? Isin woyyumma'aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le'iisa qaddan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro wonti kunini ch'ufti akana badduufi, isani nama akami tahu maltani? Jireenni keesani ch'ufti ha qulqullae Waaqa durati qit'au,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo wantii kunin cuftii akkana badduuf, isan nama akkam ta'uu maltan? Jireennii keessan cuftii ha qulqullaa'ee Waaqaa duratti qixxaa'uu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree? guyyaa gaafa dhufa Rabbii eeggata'aa dhufa isaa ariifachiisa'aa, jireenna woyyu'uun namoota Rabbii fakkaata'aa jiraadhaa'a, guyyaa san samiin gubattee baxxi; uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan diiggaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
eegaa wonittoonni kunniin marrinuu haala kanaan ka badan yoo ta'e, eegaa isin Qulqullumma'aan Waaqa Waaqeffachu'uun jiraachuun attam isin irraa hin malle ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le'iisaaf maltane ree? Isin woyyumma'aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le'iisa qaddan.