2 Peter 3:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergoota isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala'aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti inni tatabe ufi ch'ufa keesati t'aafu tana. Waan jajabduti tatabe isaa keesa jira, ka nami woma imbeenneefi lalaafaani aka d'ara himu, akuma worri waan t'aafi qulqullo keesa t'aafani ka gari tolche, akanaani ufi balleesu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii innii ergaa ufii cufa keessatti barreessu tana. Waan jajabduutti ergaa isaa keessa jira, ka namii homaa hinbeennee fi lallaafaan qonyisu, akkuma warrii waan barreessii qulqulloo keessatti barreessan ka garii tolchee, akkanaan ufi balleessu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkuma ergaa isaa maraan hime, waan kanallee dubbate. Ergaa isaa keessa wonti tokko ka hubachuun nama dhibu hin jira. Akkuma namoonni hin barannee fi jabaatanii hin dhaabanne kitaabbilee kaawwan dabsan, kunniinillee akka fedha isaaniititti badii ufiitiif micciiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni akkuma ergaa isaa maraan hime, waan kanallee dubbate. Ergaa isaa keessa wonti tokko ka hubachuun nama dhibu hin jira. Akkuma namoonni hin barannee fi jabaatanii hin dhaabanne kitaabbilee kaawwan dabsan, kunniinillee akka fedha isaaniititti badii ufiitiif micciiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee waayee kanaa ergaawwan isaa mara keessatuu bifuma kanaan barreessee jira, ergaa isaa keessatti wonittoonni hubachu'uuf nama dhiban tokko tokko ni jiran. Beekkomissi ka isaanitti dhidhate asii fi achi dhoofttonni kaanniin Kitaabban Qulqulluu bira'aa akka dabissan, wonittoota kanniin'llee ni dabissan, kana'llee ka raawwatan badii isaaniitiif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergaa isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala'aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan.