2 Peter 3:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye'eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani, jaalaani tiyya, waan kana qaraa beetani. Ufi tissa duuba, aka wollaali nama Seera inguunne isani balleese teesuma teesani dansa ind'amne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo isan jaallan tiyya, duuba akka wallaalii nama seera hingunnee isan balleessee dhaabbi teessan dansaa indhamne, waan kana qaraa beettanii ufi tissaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu jaalatamtoota tiyya! isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne uf eeggadhaa'a. Akkasuma
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu jaalatamtoota tiyya, isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne ufi eeggadhaa'a. Akkasuma;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin garuu yaa waahela! Kana durrsitanii waan beekittaniif, dogoggora hamaawwaniitiin harkifamittanii ijjannoo keessan jabaa irraa akka hin kufnneef ufi eeggadhaa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye'eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha'a.