2 Peter 3:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan, “Yesuus deebi'ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meeti ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!” jedhan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'ani, Inni Ind'ufa jed'eeyu? Amma meeti? Ababooti teenna duri doote, ammo wonti ch'ufti haga lafa uumani akuma takaakaa jirti! jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Innii indhufa jedheeyyuu? Amma meeti? Ababootiin teenna durii doote, ammoo wantii cuftii haga lafa uumanii akkuma takkaa jirti” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan, «Waadaan dhufa isaa meeti ree? wonti maruu hennaa abbootiin teenna du'anii jalqabee akkuma uumamanitti jiran» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan, «Waadaan dhufa isaa meeti ree?» wonti maruu hennaa abbootiin teenna du'anii jalqabee akkuma uumamanitti jiran jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
isaaniif, «Gooftaan Yesus ni dhufa jedhamee abddiin kennamee hin turee moo? Eegaa eessa jira? Abootiin keenna ta duraanii yeroo itti du'anii kaasee, wonitti marrinuu jalqaba uumamaatii jalaqabee akkuma jirutti» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan, «Yesuus deebi'ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meet ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!» jedhan.