2 Peter 3:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbooni kakhu ufi inuma guuta, aka nami gari sehuniti. Ammo inni guddo isani obsa; wonti akanatiifi inni nama tokole ka badu imfed'u, ammo nama ch'ufa ka daba iraa deebiu fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka namii garii se'e hinturuu, Aabboon kakuu ufii inuma guuta; ammoo innii guddoo isan obsa; wantii akkanaatiif innii nama tokkoollee ka badu hinfedhu, nama cufaa ka daba irraa deebi'u fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka namoonni gariin waan turu seeyan Gooftaan waan waadaa gale saniif hin turu. Haa ta'uu ammo namni maruu akka aagii galuuf malee, eennullee akka hin banneef jedhee waan keessaniif obsa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka namoonni gariin waan turu seeyan Gooftaan waan waadaa gale saniif hin turu. Haata'uu ammoo namni maruu akka aagii galuuf malee, eennullee akka hin banneef jedhee waan keessaniif obsa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni tokko tokko akka isaanitti fakkaatutti Gooftaan dubbii abddii ka dubbate raawwachuuf hin turu, garuu naminni marrinuu dhiifamaaf akka gayuu fi naminni kumi'llee akka hin badinneef barbaadee, waayee keessaniif ni obissa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.