2 Samuel 1:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Anini ka gaara Gilboa ira jiru, Saulo ka woraana isati hirkatufi gaarifi worri farda yaabatu ka nyaapa ka diquma isa hanqatu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gurbichi oduu fide «Ani akkuma tasaa gara gaara Gilbo'a'aa dhufe; Saa'ol eboo ufii irkifatee dhaabatee ture; worri konkolaataa fardaatiin deemanii fi abboonni farado'oo worri diintota isaanii isaan qabu'uuf hennaa itti dhiyaatan arge;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dargaggeessi oduu tana isatti hime sun deebisee, «Akka tasaa, ani gaara Giilbo'aa gubbaa ol bayeeraayyu; achitti Saa'ol eboo ifiititti ciqilfatee adoo jiruu, garreettaan fardaan harkifamuu fi abbootiin fardaa ka Filisxeemotaa reebanee isa dhaqqabane.