2 Samuel 10:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba hayyu Daudini waan jed'e, Anini Hanunini akuma abbaani isaa duri naa nahe na qarqaare anileeni akasuma isa qarqaara. Duuba Daudini nama erge, iraa hafi Hanuniniini jed'e. Worri sunini Amonini bahe,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Daawiti, «Akkuma abbaan isaa Naa'oos jasaa naa oole anillee ilma isaa Haanoonii goshoo amanamaa ta'u'uuf jasaa isaa hin deebisa» jedhe; kanaafuu Daawiti gadda isaa qoodamu'uuf ergamtoota erge; isaan akkuma Amooniin gayaniin,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti, «Abbaan isaa naaf waan dansaa akkuma godhe, anille ilma Nahaashii Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee hede; maarre marroo du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanu, Daawiti namoota erge; namooti Daawiti erge gara lafa Amoonotaa yennaa dhufane,